Sheger FM 102.1 ganama sa' aatii

Sheger FM 102.1 ganama sa' aatii tokko jalqabee segantaa 'ye merix Debdaabee' irra, Guyyaa 28/08/2001tti zelaalem mulaatuudhaan dhiyaatee tamsa'een

Yuniversitii finfinee sidist killo kampasi barattoota oromiyaa gaaffii mirga kaassaniin irra fayyadamuun jecha «Gaallaa» jedhu amma kan ummamee fakkeesunifi kanaan dura waan hinjiraannee gochuun kan hubatan natti fakkaata, garu jecha «Gaallaa» jedhu ummata biraa hahaafuu ummanni oromooyyuu ameen jedhee fudhatee jecha itti fayyadamaa jiru, har'a maal want haaraa umameettu iddoo deemne hunda jecha «Gaallaa» jedhu fayyadamatanii jechaa biyya ofii keenya keessatti daramnee jiraana, jedhaa media shegeriti dhiyaatteera.

Sheger FM 102.1 irra afaan balleessaa ta'een dabarfachuun isaa mirga ummata oromoo fi kabaja isaa kan xuqu ta'uun isaa hubachuu, media caqafame kana irratti qaaminii isa ilaalu tarkaanfii haatattama yoo fudhachuu baatee, ummani oromoo kalleessas ta'ee har'aa mirga fi kabaja isaa yeroo dabarsee keenne hinjiruu, tarkaanfii fudhachuufis yeroo hin keennu.

0 comments:

Copyright © 2009 - Free SMS link Information Download Messenger Free Chatting - is proudly powered by Blogger
Smashing Magazine - Design Disease - Blog and Web - Dilectio Blogger Template